ONM-ABO Fulbaana 16, 2024
Murni ajjeesuu tooftaa siyaasa ofii ittiin fudhachiisan jedhee amanu Bilxiginnaan loltoota isaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun dhugaa hawaasa bal’aa afaan qawween ukkaamsuuf ilmaan Oromoo: bifa, saala, gosa, gandaa fi hojiin osoo addaan hin qoodin tarkaanfii suukkanneessaa ta’e irratti fudhachuun dararaa hamaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, haala kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee keessatti hidhattoonni PP hawaasa nagaa ajjeesuu haala duraan barameen addatti cimsanii itti fufaniiru.
Murni garboomfataa PP loltoota naamusa waraanummaa hin qabne uummata baadiyyaa irratti bobbaasuun aanaa Sayyoo Noolee ganda Goree Koogiir jedhamu keessatti “obbolaa keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun maatii tokko keessaa namoota sadii kanneen maqaan isaanii:
- Dinsiree Baqqalee,
- Ayyaantuu Baqqalee fi
- Misgaanaa Baqqalee jedhaman badii tokko malee mana isaaniitti ol seenuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii sokkuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka hawaasni gandichaa ONM’tti himanitti, maatiin ajjeechaan irratti raawwate kun hawaasummaa keessatti illee rakkoo tokko akka hin qabnee fi siyaasa kam irraa bilisa akka ta’an himuun, duguuggaa sanyii loltoota Abiy Ahimediin gandicha keessatti obboleeyyan sadii irratti raawwatame kan balaaleffatan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

