ONM-ABO Muddee 27, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu ganda Reef- Guddannee keessaa Muddee 25, 2025 waraanni garboomfataa PP dargaggoo maqaan isaa Dirribaa Dhaabaa jedhamu uukkamsuun hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu itti dabaluun himaniiru.
Dargaggoo Dirribaan badii dalagee tokkollee osoo hin qabaatiin sababa oboleessi isaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’eef qofa waraanni murna Bilxiginnaa achi buutee dhabamsiisuun maatii isaa hanga ammaatti eessa akka geessan wallaaluun yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessaatti himanii jiru.
Murni Bilxiginnaa namoota nagaa tuttuqaa siyaasa kamiyyuu hin qabne maqaa garaagaraa itti moggaasuun golee Oromiyaa cufa keessatti gochawwan suukkanneessoo ta’an irratti raawwachuu aadeeffate jiraachuun ni beekama.

