ONM-ABO Muddee 6, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadii ganda Daallee leessatti waraanni faashistii PP gaafa Muddee 3, 2025 sochii Bulchiinsa magaalaa xiqqoo Kophee jedhamuun waamamtu keessatti taasisaniin nama maqaan isaa Isaayyaas Lammeessaa jedhamu jalaa loowwan afur (4) fudhatanii deemuu jiraattonni bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni bakkichaa jedhanitti, waraanni maafiyaa PP “Raayyaa Ittisa Biyyaa” jechuun of waaman loowwan afur fudhatanii deeman kanneen guyyaa gaafa Muddee 4, 2025 magaalaa Daallee Sadii keessatti qalatanii akka nyaatan dubbatu.
Bara bulchiinsa Abiy Ahimed keessa Lammeessaa immoo fi Isaayyaas Lammeessaa abbaa fi ilma yeroo garaa garaatti hidhanii dararaa turuu kan himan jiraattonni, tibbana ammoo maallaqaan bitanii ykn ayyama isaa malee loowwan jalaa saamanii akka jiran addeessuun, waraanni gabroomfataa kunneen aanichatti irra deddeebiin qabeenya uummataa gariin qisaasessuun kaan ammoo saamanii itti tajaajilamuun haaraa akka hin taanes himanii jiru.
Ergama gooftaa isaanii koloneel Abiy Ahimediin fudhachuun kanneen bobbaafaman, garaa isaaniif jecha kallattiilee maraan tooftaa garaa garaa fayyadamuun, lubbuu ilmaan Oromoo fi qabeenya sabichaa irratti xiyyeeffachuun mancaasaa jiraachuun murna faashistii Bilxiginnaa, dhugaa mul’ataa fi haalamuu hin dandeenya ta’uun kan beekamudha.

