ONM-ABO Hagayya 29, 2024
Waraanni murna bilxiginnaa impaayerattii tiksuuf jecha koloneel Abiy Ahimediin bobbaaffaman goleewwan Oromiyaa cufa keessatti sababoota adda addaa wabeeffachuudhaan gochoota gara jabinaan guutame ilmaan Oromoo irratti raawwachaa oolu.
Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabal jedhamu keessatti Hagayya 28, 2024 waraanni maafiyaa PP uummata nagaa hojii dhuunfaa isaa hojjetachaa jiru hojii irraa humnaan qabanii dirqamaan “waajjira gandaa ijaarra” maqaa jedhuun uummata nagaa irratti dhukaasa banuudhaan uummata gandichaa shororkeessaa turuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himee jira.
Akka jiraataan gandichaa kun jedhutti, “ilmaan Oromoo gidirsuuf hiraarsuu hojii idilee isaa kan taasifate gareen abbaa irree PP kun humna waraana isaatti fayyadamuun impaayera Itiyoophiyaa dinagdee fi siyaasaan kufte humna waraanaan kufaatii irraa of bararuuf tattafachaa jira” jechuun dubbata.

