ONM-ABO Guraandhala 9, 2024
Miidhaa fi dhiittaa sirna bittaa kolonii jalaa bahuuf furmaatni jiru qabsoo Bilisummaa jabeessuu qofa jechuun waraanni bilisummaa Oromoo falmaa haadhoftuu geggeessuun lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii boonsaa taasisaa jiruutiin rifaatuu Keessa kan seenan kaadirootni PP bakkeewwan adda addaatti waraana bobbaasuun hawaasa nagaa ajjeesuu irratti argamu
Bifuma kanaanis Amajjii 7, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Yaamaa jedhamu keessatti abbaa maatii Kan ta’e nama maqaan isaa Gammachuu Baacaa jedhamu waraanni faashistii PP yakka tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesuun himame
Obbo Gammachuun yeroo garaagaraatti murni bilxiginnaa hojii miliishummaa hojjedhu jedhanii rakkisaa akka turan kan dubbatamu, hojiin miliishummaa fedhii isaa akka hin taanee fi ani miidhaa ilmaan Oromoo irraan ga’uudhaaf hin hojjedhu jedhee jalaa baqachaa akka tures jiraattotni dabaluun ibsaniiru.


