Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu- Kaarraa keessatti gubaatiin manneen hawaasaa fi saamichi jabaatee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024

Uummata nagaa dararuu akka furmaataa fi qabsoo uummata Oromoo duubatti deebisutti kan  ilaalu murni nama nyaataan PP golee Oromiyaa mara keessatti ergamtoota isaa bobbaasuun, uummata Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qabeenya isaa ibiddaan barbadeessaa jiraachuun ni beekama. 

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu-Kaarraa keessatti gubaatiin manneenii fi saamichi jabaatee jiraachuu maddeen eeran.

Onkoloolessa 8, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Qilxuu-Kaarraa ganda Talaamsoo Dambii jedhamu keessaa nama maqaan isaa obbo Maatii Ejjetaa jedhamu jalaa qabeenya guutuu waliin mana isaa ibiddaan barbadeessuun, qabeenyaa isaa re’ootaa fi lukkuu hedduus jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi yakki kun sababa Oromummaa isaan irratti akka raawwate himaniiru.

Exit mobile version