ONM-ABO Amajjii 31, 2025
Kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen sodaa guddaa keessa kan seene murni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufatti waraana isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaatiin gidiraa hamtuu keessa jiru saamsisuu itti fufee jira.
Aanaa Ammayyaa ganda Muunyoo Jilaa bakka addaa Godeettii jedhamuun waamamu keessaa Amajjii 29, 2025 loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Dhaabasaa Magarsaa jedhamu maqaa “Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin hojjetta” jedhu itti maxxansuun farda 2 fi loon 6 akkasumas, qabeenya mana keessaa guutummaan jalaa saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namni kun hojii dhuunfaa isaa dalaguun maatii isaa kan jiraachifatu yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa garuu maqaa sobaa itti maxxansuun qabeenya inni qabu guutummaa jalaa saamuun maatiin isaa harka namaa akka eeggatan taasisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

