ONM-ABO Muddee 27, 2025
Godina Baha Shaggar aanaalee garaagaraa keessati Muddee 25, 2025 qonnaan bultoonni oomisha kuduraa fi muduraalee jal’isii irratti bobba’an murni Bilxiginnaa oomishni isaanii ooyiruu irratti akka jalaa baduuf sababoota garaa garaa kaneen akka konkolaatan daandii fageenya qabuu omishaa isaanii akka hin geessine dhorkuu, konkolaataa fe’umsaa oomisha dirqamaan waraanni lafa barbaadeetti guyyaa guutuu fayyadamuu, kanneen oomisha fe’atan maallaqa seensa magaalaa fi bahiinsa magaalaa irra dhaabbachuun harkaa saamuu, deggarsa paartii Bilxiginnaa, buusaa gonofaa uffata milishaa jechuun sababoota hedduu tarreessuun qonnaan bultoota aanaalee Dugdaa fi Booraa keessattuu gandoota kanneen akka Qooqaa Nagawoo, Gogeettii Gooroo, Waldaa Qal’inaa, Baqalee Girrisaa, Tuuchii Sumayaan, Shubii Gamoo, Waldaa Maqdalaa fi iddoowwan hedduutti qonnaan bultoonni kasaaraa hamtuuf saaxilamaa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru
Akka qonnaan bulaan adda duree aanaa Booraa keessaa maqaan isaa nageenya isaaf akka ibsamu hin feene tokko yaaddoo qonnaan bultootaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsutti miidiyaalee mootummaa 2 bilbilee kan yaaddoo keenya qilleensa irra nuuf oolchuu mitii dhimma rakkoo ta’uu hubannaan bilbila kan nurratti cufatantu jira jedhee ibsuun, osoo dhimma guddinaa yookiin jijjiiramaa ta’ee kan arganne dachaa 3 oliin sobanii gabaasuu jechuun dubbata.
Lafa ooyiruu hektaara tokko irratti yoo xiqqaate baasiin kuma dhibba 6 olii bittaa lafaa, humna hojjettootaa, Xaa’oo, boba’aa, qorichaa, fi wantota garaagaraa dabalatee kan fixu ta’uu fi oomishni kanneen akka timaatimaa, paappayyaa, qullubbii diimaa, habaabbii fi kanneen kana fakaatan guyyaa muraasa keessatti bilchaachuun hojiin ala ta’aa akka jiran addeessaniiru.
Murni Bilxiginnaa qonnaan bultoota yeroo muddamsuun itti dhuftee qofaa suuraa fi viidiyoo qofaaf fayyadamuun holola kufaatii dinagdee kallattiilee itti dhufte qolachuuf jecha fayyadamus qonnaan bultoonni abdiin murna Bilxiginnaa irraa qaban kan hin jirree ta’uu ibsaniiru.

