ONM-ABO Caamsaa 22,2025
Murni Bilxiginnaa lafa qonnaan bultootaa daandii guddicha godina Arsii Bahaa magaalaa Asallaa irraa kaasee hanga godina Baha Shaggar magaalaa Maqii geessutti lafoota qonnaan bultootaa ganda hunda keessatti argaman kan daandii konkolaataa fi karaa sochiilee waraana faashistii PP ta’anitti dhiyaatu qootanii akka oomisha hin oomishne dhorkuun beekame.
Sababni oomishni kun dhorkameefis Waraanni Bilisummaa Oromoo qonna kana keessa da’oo godhachuun haleellaa nu irratti raawwata kan jedhuun ta’uus kan himan oggaa ta’u, haalli qonnaan bultoota godinaalee kanneenii yaaddessaa ta’uus himan.
Uummanni aanaalee kanneeniis akka jedhanitti hanqinni oomisha midhaanii dinagdee fi hawaasummaa guddaa nu irratti geessisa kan jedhan rakkooleen qonnaan bultoota irratti maqaa deggertoota WBO’n adeemaa jirus maatii ilmaan qabanitti jireenya hadheessaa jiraachuus dubbatu.

