Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaalee adda addaatti qonnaan bultoonni oomisha midhaan boqolloo akka hin oomishanne dhorkamuun ibsame

ONM-ABO Ebla 28, 2025 

Qabsoon hundi xaxaa mataa isaa fi wareegama kaffalchiisu qaba. Haa ta’u malee kan saba Oromoo daangaa darbuun waggoottan dhibbaa fi shantamaa oliif dararaan weerara lafaa fi qabeenyaa dabalatee wareegama qaqqaalii sabicha kaffalchiisaa kan jiruudha.

Kanumaan kan wal qabatus bulchiinsi Bilxiginnaa roorroo fi hacuuccaa gama siyaas-dinagdeen Oromiyaatti qabsiisee jiruun uummanni labooba ibiddaan gubachaa kan jiru oggaa ta’u, guyyaa guyyaanis ajandaa adda addaan gadi itti ba’anii saba kabajamaa fi ulfoo gidirsaa kan jiran, godina Baha Shaggar aanaalee adda addaatti uummanni ooyiruu isaanii irra illee oomisha midhaanii ajajaa fi tarsiimoo sirna PP’n ala akka hin oomishanne dhorkamuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Akka ajaja sirna PP’tti oomishni oomishamuu qabu ajaja keenyaan ala baanaan hidhaa fi ajjeechaan adabamtu jechuun gidirsaa jiraachuus kan himan jiraattonni, boqqolloon goonkumaa ooyiruu irratti akka hin argamnes daangessuu itti dabaluun himaniiru.

Kana malees namoonni ooyiruu daandii cinaa qaban qonnaaf fageenya meetira 3-5 fageessanii qotuu akka qabanis itti dabaluun ajajni itti darbuu dubbatu.

Sababni taatee kanaas WBO’n oomisha qonnaan da’eeffatee haleellaa nu irratti taassisa kan jedhuu fi nuti qamadii alatti ergaa jirra waan ta’eef dhiyeessiin keenya akka gadi hin buuneef qonnaan bulaan hundi qamadii malee boqqolloo hojjechuu hin qabu jechuun itti himamuu ibsaniiru.

Exit mobile version