Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa fi Saagureetti hawaasni oomisha ooyiruu isaanii irratti waan fedhan akka hin oomishanne dhorkamuu dubbatu

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Murni garboomsaan afaan qawween uummata ukkaamsee bulchaa jiru kan mirga dhala namaa kabajuu hin feene mirga inni uumamaan qabu irraa mulqee jiruu fi jireenya itti hadheessaa kan jiru, Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa gandoota akka Garamboota Lolee, Didibbee, Garbii Xuusoo fi aanaa Saaguree ganda Hoffii jedhamuu fi gandoota hafan hedduu keessatti dinnicha qotachuu dhorkuun qamadii qofaa akka facaasan dirqisiisuun ibsameera.

Namoota dinnicha qotaniinis nyaachuu hin dandeessan isin jalaa balleessina jechuun humnaan qamadii facaassisuu fi kanneen dinnicha qotan hedduus, reebuu, maallaqa adabuu fi Xaawoo itti gurguruu diduun uummaticha hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti uummanni aanota kanneen keessa jiraatan irra hedduun isaanii dinnicha facaafatanii maatii isaanii kan ittiin guddifatan ta’anis; murni Bilxiginnaa qamadii facaassisee dinnicha balleessuun maatiin waan itti muuxannoo hin qabnee fi naannoo isaanii guutuutti hin hojjenneen akka rakkatan taasisaa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version