ONM-ABO Sadaasa 1, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa gandoota akka Heeban Dhubboo, Heeban Laaqichaa, Qoomaa Ochaa, fi ganda Gujichaa jedhaman keessatti ummata meeshaa maleessa adamsanii mana isaanii keessaa ari’uu fi qabeenya isaanii saamaa jiraachuu jiraattonni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru
Haaluma kanaan jiraataa ganda Heeban Dhubboo kan ta’e maanguddoo maqaan isaa Obbo Kadir Badhaanee jedhamu Onkoloolessa 28, 2025 yakka tokko malee mana isaa keessatti reebicha hamaa qaama laalessu irratti raawwachuu jiraattonni gandichaa ifoomsaniiru.
Maanguddoon kun nama umriin isaa buleessa ta’ee fi kan yeroo dheeraaf dhukkubsachaa jiru yoo ta’u, yakka dalage homaa tokko illee kan hin qabnee fi qaama siyaasaa kamiyyuu deggeraas ta’e mormaa kan hin jirre irratti reebicha raawwachuun miidhaa ulfaataan irra gahuus jiraattonni dabaluun eeraniiru.
Kana malees loltoonni kunneen magaalaa irraa gara gandoota baadiyaatti yeroo bobba’an, halkan walakkeessa wayita hawaasni rafetti mana hawaasaa irra deemanii uummaticha rifaasisuu fi doorsisuu, meeshaalee hawaasaa saamuu akkasumas uummaticha irratti reebicha raawwachaa kan jiran ta’uus jiraattonni ifoomsaniiru.
Dabalataanis yakki gudeeddii irra deddeebiidhaan haawwanii fi shamarran irratti raawwatamaa akka jirus jiraattonni kan himan oggaa ta’u, akka waliigalaatti haalli sarbamiinsa mirgoota namoomaa guutuu aanichaa keessatti adeemsifamaa jirus jiraattotatti yaaddeessaa akka ta’e itti dabaluun ibsaniiru.
