ONM-ABO Sadaasa 3, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa gandoota akka Heeban Dhubboo, Heeban Laaqichaa ganda Gujichaa fi Ilaalaa jedhaman keessatti hidhattoonni sirnichaa yakka tokko malee hawaasa meesha maleessa isin deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun qawwee irratti dhukaasanii qe’ee isaanii irraa ari’aa turuu jiraattonni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Haaluma kanaan Onkololeessa 25 ganda Gujichaa iddoo addaa Shuuritee jedhamu keessatti dargaggoota hedduu ukkaamsuun erga gandoota hedduu keessa ittiin socho’aa turanii booda gara magaalaa aanichaatti geessanii hidhuun hiraarsaa jiraachuu kan himan jiraattonni, isaan keessaa nama maqaan isaa Sulxii Qaasim Kadiir jedhamu mana hidhaatti darbatanii hedduu hiraarsaa akka jiran dabalataan jiraattonni ONM tti himaniiru.
Namoonni hedduunis dararaa jaleewwan kanneenii dheessuun harkaa dhokatanii baduun qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gara magaalatti kan galan yoo ta’u kanneen humnaa fi qabeenya ittiin magaalaa irraa mana bitatanis ta’e kireeffatan dhaban immoo gandootuma baadiyyaa aanichaa keessatti hidhaa, dararaa fi ajjechaa akkasumas saamicha murni Bilxiginnaa irratti geggeessu keessummeessaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees aanicha keessatti halli mul’atu sababa tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo lukkeelee PP irratti fudhataa jiruun sodaa hedduu keessa kan galan yoo ta’u, namoota baadiyaa irraa gara magaalaatti dhimmoota adda addaaf imalan hunda ija shakkiin ilaaluun reebuu fi hidhuu akkasumas qabeenya isaanii harkaa saamaa akka jiranis ifoomsaniiru.
Gama biraatiin ammoo godinichuma aanaa Diksiisii fi Roobee Diida’aa keessatti maqaalee garaagaraa hawaasatti moggaasuun maallaqa saamaa kan jiran ta’uu fi hawaasni waan kaffalu dhabuun qe’ee isaa gadhiisee gara kallattiilee adda addaatti baqataa akka jiranis jiraattonni dabaluun ibsaniiru.
Dabalataan immoo dararaa ulfaataan hawaasicha irratti raawwachaa jiran isaaniitti hanqannaan, dhiheenya kana kaabinoonni sirnichaa godina irraa gara aanaatti dhufuun waltajjiin taa’amaa tureen yaadota tokko tokko kan kaasan yoo ta’u, innis akka godina Arsii Bahaa kanatti gibirrii fi galiin tokko tokko nurraa citee waan jiruuf godinni keenya kufaa jira, iddoo to’annoo keenya keessa jiru kana irraa waa fudhachuu dandeenya, jechuun akka kanaan duraa caalaatti tooftaa saamichaa haaraa qindeessuun hawaasa irratti jabeessanii ajaja gadi buusanii akka turanis jiraattonni eeraniiru.

