ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa gandoota hunda irraa uummata jumlaan qabuun magaalaa Muuneesaa kan taate Qarsaa waajjira poolisii keessatti walitti guuranii maqaa hariiroo WBO wajjin qabdu jedhuun namoota baay’inaan dhibbootaan lakka’aman hiraarsaa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.
Akka maddeen jedhanitti aanaa kana keessatti WBO’n daran guddachaa deemaa waan jiruuf ummata kana yoo mana hidhaa keessaa baasne isaan gargaaru waan ta’eef asuma keessa haa taa’an malee akka hin baane jechuun maanguddoo umurii 96 haadha ijoollee 11 kan ta’an akkasumas namoota dhukkubsatan hedduu guyyaa aduun halkan qorra keessatti baasanii rakkisaa jiru jedhu.
Sirni impaayera Itiyoophiyaa of harkaa qabu Bilxiginnaan maqaa adda addaa uummatatti moggaasuun guutuu Oromiyaa keessatti gaaffii tokko malee kan barbaade ajjeesaa kaan hidhee dararaa kan jiru yoo ta’u, namootni murtoo osoo hin arganne qorqalbii fi dinagdeen akka cabaniif yeroo dheeraaf hidhaa keessa tursiisuun aadaa ta’ee jira.
Yeroo ammaa Oromiyaa bakka cufa keessatti ilmaan Oromoo 100,000’n lakkaa’aman yakka tokko osoo hin hojjenne murtii Bilxiginnaan hidhamanii jiraachuun ni beekama.

