ONM-ABO Muddee 27, 2024
Faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha mirga namoomaa hawaasaa sarbaa kan oolan ergamtoonni murna bilxiginnaa maqaalee garaa garaa itti maxxansuun sababa tokko malee Oromiyaa cufa keessatti hiraarfama jabaa uummata irratti hammeessanii jiru.
Haaluma kanaan ergamtoonni bilxiginnaa kunneen akkuma bartee isaanii guyyoota darban muddee 21, 2024 irraa kaasee hanga muddee 24, 2024’tti aanaa Muuneessaa gandoota hunda irraa namoota ukkaamsaa kan jiran yoo ta’u, abbootii qabeenyaa fi daldaltoota adamsuun maallaqa WBO ittiin deeggartan nuufis kennaa jechuun gochaa isaanii malee hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Ganda Adaree Awandaallaa irraa Aadde Haadhee Hamdaa haadha qabeenyaa beekamtuu gandichaa kan taatee fi daldalaa tokko kan maqaan isaa Gabbii Hamdaa jedhamu konkolaataan mana isaaniitii butuun mana hidhaa galchuun kutaa addaa keessatti hidhanii maallaqa guddaa gaafachaa jiraachuu maddeen ifoomsanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Muddee 22, 2024 aanaadhuma Muuneessaa ganda Heeban Dhubboo irraas hawaasa reebicha hamaa irraan ga’uun ijoollee umuriin isaanii 18 gadii hedduu hidhanii kan jiran yoo ta’u, Obbo Bashir Woshee kan jedhaman gar-malee reebuun dhukkubsatee mana yaalaa keessatti yaala dhorkamee rakkachaa kan jiruu fi daai’ma umuriin isaa 14 ta’e Gammaachuu Yaaqoob kan jedhamu ammoo WBO deeggarta ittiin jechuun mana hidhaa keessatti dararaa hamtuu agarsiisaa jiraachuu jiraattoonni onichaa dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

