Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti maatii qabsaa’otaati jechuun uummata jumlaan hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Muddee 26, 2024 

Ergamtoonni murna bilxiginnaa maqaa nageenya biyyaa eegnaan faashisticha koloneel Abiy Ahimed irraa ergama dabaa fudhachuun bobbaafan nageenya uummataa balleessuu irratti xiyyeeffatanii jiraachuun kan beekamuudha.

Muddee 24, 2024 aanaa Muneessaa gandoota garaa garaa keessatti maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuu fi deggertoota WBO’ti jedhuun uummata nagaa jiruu isaa irraa butuun jumlaan hidhaatti naqanii hiraarsaa jiru.

Ganda Heeban Dhuubboo irraa namoota maqaan isaanii: 

  1. Shufeerii Unseen, 
  2. Aduuroo Tibbeessoo, 
  3. Tashoo Aabbee, 
  4. Tiishaa Aabbee kanneen jedhaman yoo ta’an, 

Ganda Adaree Awaandallaa, keessaa ammoo: 

  1. Barsiisaa Nageessoo Gadaa, 
  2. Abdurroo Tibbeessoo, 
  3. Daaliyoo Fayisaa, 
  4. Abdurramaan Fayisaa akkasumas

Ganda Gujjichaa keessaa ammoo: 

  1. Qaasim Galatoo, 
  2. Kataboo Hedatoo, 
  3. Amaan Ushaa, 
  4. Bunkarii Badhaasoo fi 
  5. Rabbisoo Boonsoo kan jedhaman 

oggaa ta’u walumaa galatti gandoota kanneen irraa Uummanni hedduun jumlaan hidhamee rakkoo hamtuu keessa akka jiru jiraattoonni Onichaa ONM’f eeran.

Exit mobile version