ONM-ABO Muddee 13, 2024
Nagaaf tasgabbii waaraan Yeroo tokkoof mul’atee kan hin beekne impaayera Itiyoophiyaa keessatti, Yeroo ammaa kanas lola kallattii maraan irratti banamaa jiruun loltoota ishee du’aan gariin immoo fayyaatti dhabaa jirtu impaayerattiin miidhaa qaamota hidhatanii lolaa jiranii irraa fayyuu dadhabuun, faallaa kanaa uummata meesha maleeyyii qe’ee isaatti itti dhaquun meeshaalee waraanaa gurguddaa itti dhukaasuun lubbuu obbaasuu, akkasumas hidhaa, saamichaa fi dararaa garaa garaa hawaasa irratti geggeessaa jiru.
Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo Ganda Jamjam Meelaa jedhamu keessatti Muddee 12, 2024 ganama irraa loltoonni sirnichaa maatii Abboomaa qabuun namoota 2 kan keessaa ajjeesan oggaa ta’u, maatii qabsaa’otaa gandicha keessa jiran qabuun hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen eeran.
Guyyuma kana bakka addaa magaalaa Qaaccamee jedhamuu keessa dhaabbachuun meeshaalee waraanaa gurguddaa kanneen akka Moorteraa, ZU 23 fi Madfii ganda Laantuu Wal Argii keessatti uummata daboo irra jiru irratti darbachuun namoota hedduu fi daa’imman lama oggaa madeessan galgaluma sana magaalaa Qarree Gu’aa dhaabbachuun ganda Haroo Mikaayeliitti dhukaasuun miidhaa namootaa fi qabeenyaa uummataa irraan geessisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

