ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Godina Baha Shaggar aanaalee akka Boosat, Adaamaa, Dugdaa, Booraa, Liiban Cuqqaalaa fi kanneen hafan biroo keessatti beeyladoonni uummataa keessattuu gaalaa fi re’oonni hedduun guyyaa guyyaan dhibbootaan dhumaa kan jiran oggaa ta’u, murni Bilxiginnaa lubbuu beeyladootaa dhumaa jiraniif faloo ka’uurra karaa isaaf danda’ameen dabalataan waraana isaa qe’ee hawaasaatti bobbaasee saamicha raawwachuun bu’aa siyaasaa isaaf oolfachaa jira.
Gareen badii Bilxiginnaan uummata horsiisaan jiraatuuf buufataalee fayyaa beeyladootaa dhaabee tajaajila barbaachisu kennuufii osoo qabuu beeyladoonni erga baatiilee 2 oliif rakkoo hongee uumameen miidhamaa jiraniif birmannaa tokkollee osoo hin taasisne akkasiin ilaalaa jiraachuun barameera.
Akka jiraataan aanaa Fantaallee tokko kan horsiisa gaalaan jiraatu ONM’f yaada isaa ibse jedhutti rakkoolee hongeen waggaa waggaatti uummata jalaa horiin dhuman baay’ee ta’uu kan himu yoo ta’u, beeyladoonni wanta nyaatanii fi dhugan dhabuu irraa kan ka’e gaaga’amni uumamu haalaan yaaddessaa ta’uus dubbateera.
Uummanni godina kanaa waggoottaniif hongeen miidhamaa kan ture ta’us kan bara kanaa ammoo adda ta’uu dubbachuun, rakkoo hongee sabicha mudatee jiruuf falli jiru hawaasni Oromoo biyyoota hambaa fi impaayerattii keessa jiran birmannaa taasisuufii akka qabanis jirataan kun ONM’f yaada isaa qoodeera.

