ONM-ABO Sadaasa 13, 2024
Humnoonni waraanaa impaayerattii keessatti ijaaraman hawaasa Oromootti gara jabina agarsiisuun qe’ee namoota nagaa golgoleessaa osoo jiranii har’as dirqiin mooraa sirnichaa ijaaruuf jecha qonnaan bultoota bakkeewwan hojii isaanii irraa dirqiin qabuun mooraa leenjiitti guuruu cimsaniiru.
Godina Baha Shaggar aanaa Booraa gandoota baadiyyaa onichaa irraa dargaggoonni dirqamaan guuramaa jiraachuu jiraattonni kan himan yoo ta’u, Sadaasa 12, 2024 ganda Soorii Doolessaa irraa namoota 51 yoo ukkaamsan ganda Bartaa Saamii irraa ammoo namoota 20 ukkaamsuun akka deeman ibsameera.
Kana malees abbootiin warraa guyyuu qe’ee isaanii irraa ukkaamfamanii milishummaa dirqiin leenjifamaa jiru. Kanneen leenjii didan ammoo mana hidhaatti darbatamuun hiraarfamaa akka jiran ifoomeera.
Onuma Booraa keessaa beeyladoonni hawaasa jalaa waraana sirnichaan oofamaa jiraachuun kan himame yeroo ta’u, hawaasni nagaan maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabduun yakkamuun qe’ee fi qabeenyi isaaniis manca’aa jiraachuu itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

