Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti bulchitoonni sirnichaa tokko tokkoo gandootaa irraa namoota 70, leenjiif fidaa jechuun jiraattota doorsisuu hammeessan

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Lukkeeleen Bilxiginnaa gam-tokkoon sabboontota ilmaan Oromoo maqaalee adda addaa isaan hin qabne itti maxxansuun ajjeesaa, hidhaa fi qe’ee irraa buqqisaa osoo jiranii, kallattii biraan ammoo fedhii isaanii malee dirqiin butuun Impaayera Itiyoophiyaa akka utubaniif dirree waraanaatti guuruun qoraan ibiddaaf qophaa’e gochaa jiru.

Bu’uuruma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti caasaaleen Bilxiginnaa Muddee 17, 2024 as bifa adda ta’een bulchitoota sirnichaa gandoota garaa garaa keessa jiranitti qajeelfama kennuun ganda tokko irraa namoota 70, leenjii milishaa fi waraanummaaf qabdanii fiduu qabdu ittiin jechuun, bulchitoonni bilxiginnaa kunneenis qe’ee hawaasaa keessa deemanii namoota dirqiin ukkaamsanii dirree waraanaatti guuraa jiraachuu jiraattotni aanaa Baatee gandoota adda addaa irraa ONM dubbise ifoomsaniiru.

Akka jiraattotni kun dabaluun dubbatanitti, bulchitoonni sirnichaa kun gandoota irra deemanii namoota ukkaamsuun mooraa leenjiitti fe’aa waan jiraniif abbootiin warraa hedduun maatii isaanii qabachuun ooyiruu qarqaratti galanii jiraachuu fi dargaggoonni danuunis nuti Itiyoophiyaaf hin duullu, osoo dhumaatii ilmaan Oromoo yeroo TPLF Abiyyiin loltuu sana arginee jirruu jechuun biyyaa ba’aa akka jiran barameera.

Exit mobile version