ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025
Lola waggoottan ja’an darbanii kaasee Impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiruun gama dinagdee, siyaasaa fi humna waraanaatiin kisaaraa guddaan kan isa mudate murni Bilxiginnaa, kufaatii gama maraa kana irraa of baraaruufis sabbata haadha hiyyeessaa hiikee saamuu, dirqamaan na jaalladhaa jechuu fi ilmaan Oromoo golee Oromiyaa mara keessaa dirqii fi goyyomsaan qabee dirree leenjiitti guuruu akka tooftaa ittiin barcuma siyaasaa isaa eeggatutti fudhachuun hojjechaa jira.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee gandoota garaa garaa keessaa caasaaleen Bilxiginnaa Guraandhala 5, 2025 irraa eegaluun bifa adda ta’een leenjii milishummaaf jechuun umurii fi saalaan osoo adda hin fo’in namootuma argan cufa jumlaan ukkaamsanii dirreetti guuraa jiraachuu jiraattotni onichaa dubbatu.
Akka jiraattotni jedhanitti, aanaa Baatee gandoota garaa garaa irraa namoota xiqqaa fi guddaan ukkaamsaa kan jiran yoo ta’u, keessattuu gandoota akka Kuphaafoo, Mootummaa fi ganda Caffee irraa maatii tokko irraa namoota 2 fi isaa ol qabaa jiraachuun barameera.
Itti dabaluun jiraattotni akka ibsanitti, hidhattootni sirnichaa kunneen namoota leenji’uuf fedhii hin qabne diddaa agarsiisan ammoo aanichuma magaalaa Eelaa mana kutaa dhiphoo keessatti namoota hedduu hidhanii beelaan dararaa jiru.
Gurraandhala 6, 2025 ammoo namoota Eelaatti hidhamanii turan keessaa hidhamtoonni 6, kan rakkoo nageenya isaaniif maqaa dha’uun hin barbaachisne lukkeelee Abiy Ahimed jalaa miliquun mana hidhichaa keessaa kan bahan oggaa ta’u, dhukaasni loltoota faashistii PP’n irratti banamus nagaan ba’uun isaanii barameera.

