Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen bilxiginnaa namoota ukkaamsanii dirqiin mooraa leenjiitti guuruu jabeessanii itti fufaniiru 

ONM-ABO Muddee 22, 2024 

Impaayera Itiyoophiyaa gama maraan jiguuf qarree irra marmaaraa jirtu deebisanii suphuuf afaan qawween sodaachisanii qabeenyaa jiraattotaa saamuu fi namoota dirqiin ukkaamsanii dirree waraanaatti guuruu tarsiimoo godhatanii hojjechaa kan jiran ergamtootni murna Bilxiginnaa fedhii namootaa malee dirqamsiisuun mooraa leenjiitti guuruu hammessaniiru.

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessaa namoota dirqiin ukkaamsanii mooraa leenjiitti guuraa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaas bifa adda ta’een Muddee 21, 2024 hidhattootni sirnichaa manneenii fi bakka hojii namootaa bira deemuun abbootii warraa fi dargaggoota hedduu ukkaamsanii moonaa leenjiitti fe’aniiru.

Namoota hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin dirqisiifamuun dirree waraanaatti geeffaman keessaa fira tokkicha kan ta’an dhalattoota aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa  jiraattota magaalaa Kamisee ganda 01 namoota 3: 

  1. Dargaggoo Abraahim Nuuruu, 
  2. Dargaggoo Mahammad Arabuu fi
  3. Dargaggoo Shaafii kanneen jedhamaniidha.

Dargaggoota dirree waraanaatti fe’aman kanneen keessaa: 

  1. Dargaggoo Abraahim Nuuruu fi
  2. Mahaammad Arabuu kan jedhaman dukkaana isaanii gurgurachaa osoo jiranii dukkaanichuma keessaa kan qabamanii fi
  3. Dargaggoo Shaafiin ammoo abbaan isaa waan dhukkubsataniif yaala geeffachuuf osoo deemuu abbaa isaanii dhukkubsatan qofaatti hambisuun osoo isaan watwaatanii dhiisanii biraa oofuu jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.
Exit mobile version