Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu kutaalee garaa garaa irraa dargaggoonni ukkaamfamuun mooraa waraanaatti jumlaan guuramaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Sadaasa 3, 2024 

Duulli waraanatti dargaggoota guuruu impaayerattii keessatti bara sirna darbee irraa kaasee beekamaa kan ta’e ogguu ta’u, murni Bilxiginnaas barnoota dabaa abbootii isaanii irraa dhaalan dagaagsuun ol adeemtota umurii dargaggummaa isaaniitti yeroo itti barachuu fi hojjetatanii jiraatanitti dirqiin mooraa waraanaatti guuruu cimsaniiru. 

Akkuma kanaanis dargaggoonni godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa hojii warshaa dalaguun jiraachuuf gara Bishooftuu deemanii hojiitti bobba’uun jiraatan jumlaan bakka hojii isaanii irraa guuramuun mooraa leenjiitti fe’amaa akka jiran ibsameera. 

Onkoloolessa 29, 2024 dargaggoota ja’a bakka hojii warshaa bulchiinsa magaalaa Bishooftuu aanaa Dhakaa Booraa ganda Dibaayyuu waajjira poolisii Giraar jedhamutti erga geessanii achirraas akka fe’an ibsameera. 

Namoota dhukkuboota adda addaa qaban kanneen meedikaala darbuu hin dandeenyee fi dargaggoota fuudhanii ilmaan qaban osoo beenyaa tokko daa’imman dhalatanii jiraniif wabii jireenyaa hin kaayin guuruun itti fufeera.

Keessattuu bulchiinsa magaalaa Bishooftuu waajjira hawaasummaa naannoo warshaa chaayinaatii namoonni guyyaa guyyaan guuramaa jiran hedduu akka ta’anis ifoomeera.

Exit mobile version