Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti hidhaa fi dararaan waraana murna Maafiyaa PPn uummata irra ga’u jabaatee itti fufe

ONM-ABO Ebla 24, 2023

Baha shaggar aanaa Boosat naannawwaa shantamishan (55) bakka Nyaaqoo jedhamtutti waraanni bilxiginnaa halkaniin bobba’uun hawaasa horsiisee bulaa marsuun erga reebicha hamaa irratti geessisaniin booda nama maqaan isaa Jiloo Kalaadaa jedhamu qabuun gara mooraa Waraanaa geessanii reebicha hamaa irraan ga’uun achumatti hidhanii jiraachuun barameera. Sana boodas Jiloo Kalaadaa gara aanaa Fantaallee geessanii ganda Ilaalaa  mooraa waraanaatti hidhanii dararaa jiru.

Ebla 16, 2023 bobbaa isaanii qe’ee jireenya hawaasaa keessa kan taasifatan waraanni ergamtoota bilxiginnaa, meeshaalee jireenya mana keessaa hawaasa kana jalaa saamanii deemuus maddeen keenya gabaasaniiru.

Faashistootni kun Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun uummaticha dararaa kan jiran yoo ta’u, guyyuma kana aanaa Fantaallee ganda Gidaaraa keessaa dargaggoota hedduu ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiru. 

Ganda kana keessatii ji’a 4n dura dargaggoota lama kan maqaan isaanii Mammad Barcoo (Abba Milkii) fi Odaa Waadaay Warjii jedhaman butanii deemuun hanga har’aatti achi buuteen isaanii dhabamee bakka jirutti dabalataan ammas dargaggoota ukkaamsanii deemuun isaanii hawaasichatti yaaddoo guddaa ta’ee jiraachuu maddeen keenya dabaluun  gabaasaniiru.

Exit mobile version