Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni maafiyaan PP Godina Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti hawaasa nagaa dirqamaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 13, 2025 

Hoogganaan murna maafiyaa PP koloneel Abiy Ahimedii fi ajajoonni olaanoo waraana impaayerattii yeroo garaa garaatti karaalee miidiyaa dhuunfaa isaanii waraana impaayerattiin qabdu Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane gaanfa Afirikaaf iyyuu abdachiisaadha jechuun dhaadataa turanillee, lola kallattii maraan adeemaa jiruun garuu injifatamaa jiraachuu fi hanqina waraanaa isaan mudachaa jiru irraan kan ka’e sodaa guddaa keessa seenuun akkuma mootummaa abbaa irree Dargii duraa hawaasa nagaa umurii fi saalaan osoo adda hin qoodin addatti immoo dargaggoota abdii egeree biyyaa ta’an ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraana sirnichaatti dirqamsiisanii wayita guuran irra deddeebiin ni mul’ata.

Adoolessa 10, 2025 waraanni Bilxiginnaa Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Doonii keessaa jiraattota nagaa baay’inni isaanii 30 ol ta’an ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti yoo fe’an, namoota kanneen keessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabe:

  1. Asheetuu Gadaa
  2. Daggafaa Wayyeechuu
  3. Warquu Yaadatee fi 

namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduun jiraachuu maddeen ONM’f gabaasaniiru.

Akka maddeen himanitti namoonni kunneen badii addaa hojjetan qabaataniif osoo hin taane murni lolaan WBO dura dhaabbachuu dadhabe Bilxiginnaan, tooftaa haaraa uummachuun dirqamaan waraana sirnichaa nu taasisuudhaan ijoollee keenya hidhatanii bosona jiran waliin wal jibbisiisuu fi Oromoo irratti hidhachiisee wal nu ficcisiisuuf itti yaadee daba inni hojjechaa jiruudha jechuun, sabboontonni ilmaan Oromoo golee Oromiyaa mara keessa jirtan osoo waanti kun isin hin mudatin dammaqxanii yeroo isin Waraana Bilisummaa Oromootti makamtanii bilisummaa keessaniif falmachuu qabdan amma jechuun dhaamsa isaanii karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dabarfatanii jiru.

Exit mobile version