ONM-ABO Adoolessa 25, 2024
Guyyuma guyyaan dhiiga uummata qulqulluu dhangalaasuu amala godhatee hojjechaa kan jiru murni faashistiin PP, sababa sobaa funaanuun Waraana Bilisummaa Oromootiif galaa dhiheessitan, isaan waliin hidhata qabduu fi wantoota madaala hin kaasne itti dhahuun ajjeechaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.
Murni guutuu Oromiyaa keessatti jumlaan fixuu hojii idilee isaa godhate waraana weerartuu isaa uummatatti bobbasuu itti fufuun, Adoleessa 23, 2024 Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee jedhamu keessatti nama nagaa siyaasaa kamiyyuu irraa bilisaa, Burruusee Jaamboo kan jedhamu Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun iddoo jireenya isaatti itti dhaquun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen onichaa ONM’tti himaniiru.
Kanumaan walqabachuun gareen maqaa mootummaan of waamuun uummata nagaa irratti gidiraa raawwachuun beekamu kun maqaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo dahoo godhachuun gandoota aanaa Boosat kana keessa jiran hunda keessaa uummata ooyiruu fi jireenya isaanii irraa guutummaatti jumlaan buqqaasuun iddoo tokkotti walitti qabanii beelaa fi gadadoo jireenyaan dararaa jiraachuu maddeen keenya kun dabaluun ibsaniiru.

