Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti hidhaa, madeessuu fi ajjeechaan loltoota sirnichaan namoota nagaa irratti raawwatame

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024 

Gareen faashistii PP gocha duguuggaa sanyii uummata nagaa impaayerattii irratti labsee raawwachaa jiruun addatti ammoo uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun yeroo ammaa haala yaaddessaa fi qaanessaa ta’een  uummatichi alaa fi manni isaa nagaa dhabuun, Oromiyaa guyyuu dirree boo’ichaa fi dhiigni keessatti lola’u akkasumas ibiddi saafaa keessaa laboobu erga taasisanii bubbulleera.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota addaa addaa keessatti hidhaa fi ajjeechaa daran hammeessanii jiru.

Murni faashistii PP waraana weerartuu isaanii uummata nagaatti bobbaasuun badii tokko malee jiraatota ganda Siifaa Battee, Araarsoo Beeroo fi Tirii Birreettii kan jedhaman namoota nagaa ilaalcha siyaasaa irraa bilisa ta’an maqaa WBO wajjin hidhata qabdu” jedhuun mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu  jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.

Murni naatoo dhala namaaf hin qabne kun  Onkolooleessa 2, 2024 ganda Araarsoo Beeroo irraa nama maqaan isaa Hambassee Tufaa Gurmuu jedhamu rasaasa itti dhukkaasuun madeessanii biraa yoo deeman, maatiin fudhachuun  mana yaalaa geeffataniiru.

Gaafuma Onkolooleessa 2, 2024 kana kanneen ganda Siifaa Battee irraa hidhamanii dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne ammoo: 

  1. Obbo Baqqalaa Hayee Bantii nama umurii 37, 
  2. Obbo Qajeelaa Abbuu Gadaa nama umuriin 28 fi 
  3. Obbo Magarsaa Hawaas Yaaddeessa kanneen jedhaman yoo ta’an, 

Ganda Tirii Birreettii irraa ammoo: 

  1. Tasfaayee Lammii Gammachuu, 
  2. Geexee Baqqalaa, 
  3. Illikuu Bonjoraa ilma isaa waliin, 
  4. Abbittii Waaqayyoo Haadha manaa isaa waliin, 
  5. Dammaa Qumbii Daadhii kanneen jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti darbatamanii gidirfamaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ibsu.

Bifuma kanaan aanaadhuma Boosat kana keessatti kan argamu ganda Araarsoo Beeroo jedhamu keessatti torban darbe keessa Fulbaana 27, 2024 nama maqaan isaa Obbo Dabalaa Warjii Gurmuu jedhamu nama umurii 24 mana hidhaa irraa baasuun ajjeesanii yoo gatan, kanneen isa waliin hidhamanii hanga ammaatti mana hidhichaa keessatti dararamaa jiran kan maqaa nu qaqqabee jiru:

  1. Shaalloo Roobaa
  2. Birbirsaa Guutamaa
  3. Waaqee Raggaasaa ta’uu jiraattonni itti dabaluun addeessaniiru.
Exit mobile version