Dargaggoon Awwal Sheek Umar jedhamu godina baha Shaggar ona Boosat keessaa waraana faashistii Itooohiyaan butamuun achi buuteen dhabamsiifame
ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Oromiyaa keessatti Yeroodhaa gara yerootti ilmaan oromoo qaqqaaliin waraana murna faashistii Abiy Ahimediin achi buuteen dhabamaa jiruu fi ajjeefamaa jiran hammana jedhanii tilmaamuun kan nama rakkisu yoo ta’u, murni maafiyaa kun ammallee dargaggoota Oromoo ukkaamsuu jabeessee itti fufeera.
Akka kanaanis godina Baha Shaggar ona Boosat Naannawwaa Nuuraa Heeraatti, qeerroo Awwal Sheek Umar jedhamu kan manni jireenya isaa buufata 5ffaa ta’e, waraanni PP Fulbaana 28, 2022 iddoo dalagaa isaa buufata 8ffaa jedhamu irraa butuun hanga ammatti achi buutee dhabamsiisuunii jiru.
Dargaggeessi kun onichuma keessaa bakka buufata 6ffaa jedhamutti yeroof hidhamee kan ture.
Haa ta’u malee maatiin ilma isaanii gaafachuuf gara buufatichaa yeroo dhaqanitti milishoonni sirnichaa maatii ari’anii of duuba kan deebisanii fi guyyaa sanaan booda dargaggeessi kun achii baafamee dhabamsiifamuun, osoo odeessa isaa hin argamin baatii afur lakkofsiseera.
Maatiin dargaggeessa kanaas du’aa fi jiraa isaa wallaaluun haala ulfaataa keessa jiraachuu jiraattotni dubbataniiru.
Dargaggeessa dafqee maatii isaa jiraachisu kan siyaasa kam keessaallee hin qabne kana waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun milishaan Gabii Jiboo jedhamu waraana faashistii Abiy Ahimed itti waamee qabsiisuu kan dubbatan jiraattotni ukkaamfamee dhabamuu dargaggeessa kanaatiif sababni milishaa kana ta’uus dubbataniiru.
Milishaan kun yeroo gara yerootti ilmaan oromoo qaqqaalii fi uummata Oromoo naannichaa akkaan basaasuu fi dararuu irratti kan argamuu yoo ta’u, yeroo hedduu irra deddeebi’amee akkeekkachiifni itti kennamullee irraa barachuu dadhabuun ammas hojii diinummaa isaa itti fufee ilmaan oromoo fi uummata nagaa dararuu irratti akka ta’uu himaniiru.
Dargaggoon Awwal Sheek Umar jedhamu godina baha Shaggar ona Boosat keessaa waraana faashistii Itooohiyaan butamuun achi buuteen dhabamsiifame

