ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Dararaa gareen faashistii PP maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhu dahoo godhachuun uummata Oromoo irratti raawwataa jiruun namoonni hedduun jumlaan guuramanii mana hidhaatti dararamaa jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Hulluuqqoo Hurutaa jedhamu keessatti guyyaa dheengaddaa Fulbaana 15, 2024 waraanni garee faashistii PP maqaa WBO’f eeruu laattanii nu ajjeesisaa jirtuu fi nyaachistuun uummata Oromoo fi kanneen sabaan Haadiyyaa ta’uun uummata Oromoo waliin jireenya hawaasummaa jiraatan jumlaan hidhanii jiraachuu maddeen keenya aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ilmaan Oromoo bifa kanaan hidhamanii jiran keessaa kanneen maqaa arganne:
- Aliyyii Haajii Kuyyoo
- Harriyyaa Aliyyii Haajii Kuyyoo
- Aliyyii Hassanoo Ulii
- Qasimoo Hassanoo
- Garbittii Abdii Roobaa
- Kadiir Sa’id
- Naasir Alii Gandoo
- Arabaa Maammoo
- Sadruu Jamaal
- Fooziyaa Sheek Kadiir
- Boontuu Jamaal
- Misraaq Abbaa Hajjoo kan jedhaman ta’uu maddeen keenya ibsaniru.
Ittuma fufuun ganduma Hulluuqqoo Hurutaa kana keessaa kanneen sabaan Hadiyyaa ta’uun otoo homaa quba hin qabaatin badii tokko malee sababuma uummata Oromoo waliin jiraatan qofaaf hidhamanii dararamaa jiran kan maqaan nu gahe:
- Abbaayinee Shugguxee
- Shawaayyee Hayilee
- Fadiilaa Husseen fi
- Sa’id Alii Usmaa’il akka ta’an maddeen keenya dabaluun addeessaniru.
Murni Bilxiginnaa uummata Oromoo fi Haddiyyaa waggootaaf jaalalaa fi kabajaan waliin jiraachaa turan jidduu isaaniitti maqaa WBO jedhu qabata godhachuun garaagartee uumtee bu’aa siyaasaa isaanii keessaa dalagachuufis akka hojjechaa jiranis baramee jira.

