ONM-ABO Fulbaana 28, 2024
Leelliftoonni sirna moofaa durii deebisanii impaayerattii ittiin bulchuu barbaadan kanneen murna PP’n socho’an sarbamiinsi mirga namoomaa isaan ummata nagaa irratti raawwachaa jiran daangaa darbee jira.
Akkuma kanaan Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti Fulbaana 24, 2024 murni abaaramaan maqaa Waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun ganda Xuxxuuxii jedhamu keessaa ummata badii hin qabne kan ilaalcha siyaasaa kam irraa iyyuu Bilisa ta’an jumlaan qabanii mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen keenya onichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Uummata nagaa haala kanaan hidhamanii dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne:
- Faantoo Bulgaa
- Hashanoo Hawaas
- Qumbii Godaanaa
- Faantoo Bulaa
- Roobaa Gurroo
- Roobii Hawwee
- Makuraa Jiiloo fi
- Hawwee Baalchaa kanneen jedhaman WBO waliin hidhata qabdu ittiin jedhanii waan isaan quba hin qabne itti maxxansuun yakkanii mana hidhaa galchuun dararaa jiraachuu maddeen ibsaniiru.

