Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti namni nagaan ajjeefamuu fi manneen qonnaan bultootaa gubatan

ONM-ABO Ebla 16, 2024

Bilxiginnaan karoora uummata Oromoo lafa irraa duguuguu fi dingdeen dadhabsiisuu qabatee jiru jabeessee itti fufuun ilmaan Oromoo golee Oromiyaa maraa keessatti ajjeechaa, manneen gubuu, saamichaa fi hidhaa irratti raawwachaa jira.

Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 15, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Haraa Meerqasaa keessatti obbo Haajii Hamdaa jalaa ilma isaa bakka inni Gaala tiksutti rasaasaan jalaa tumanii ajjeesuu jiraattotni ibsan.

Akkasumas manneen qonnaan bultoota hedduu gandoota kana keessatti jalaa gubanii kan barbadeessan yoo ta’u guutummaatti gandoota kana keessatti walitti fufiinsaan guyyoota lamaaf manneen hawaasaa gubuu fi saamuun kan itti fufee jiruudha jedhan jiraattotni ONM’f yaada qoodan.

Uummanni gandoota kanneen  keessatti argamanis yeroo ammaa qe’ee isaanii irratti gubachuun wal-qabatee akkasumas lubbuu isaanii oolfachuuf jecha bakkoota adda addaatti faca’anii akka jiranii fi keessattuu daa’immanii fi maanguddoonni hedduu dararamaa jiraachuus ibsan.

Itti dabaluunis gandootuma kana keessatti namoota 30  dirqamaan leenjii deemtu jechuun qabanii gara aanaatti akka oofaa turanis ibsan.

Exit mobile version