ONM-ABO Ebla 8, 2024
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee keessatti Ebla 4, 2024 sababa tokko malee maqaa hidhata Waraana bilisummaa Oromoo qabduutiin manneen qonnaan bultootaa 100 ol gubatee barbadaa’uun isaa ni beekama.
Qonnaan bultootni manneen isaanii mi’a mana keessaa waliin jalaa gubachuun barbadaa’e kunneenis yeroo ammaa bakka bultii, nyaata, uffannaa fi wantoota jireenyaaf barbaachisan dhabuun jiruu gadadoo keessatti kufanii akka argamanis himan.
Akka jiraattotni tokko tokko jedhanitti manneen hawaasaa kunneen walumatti aananii akkuma jiranitti waan gubataniif bakki waa nyaatanii itti du’a oolan akkasumas daa’imman xixxiqqoo du’a oolfachuuf hedduu rakkoo hamaa keessa akka jiran kaasan.
Dabalataan hanga ammaatti qaamni kamillee namoota mannii fi qabeenyi isaanii golgolaa’e kana cinaa dhaabbatee akka hin jirre himuun uummanni Oromoo akka isaaniif birmatu dhaammataniiru.

