• Sat. Mar 14th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamaa jiraachuu fi namni tokkos torban lamaa oliif qabamee bakki bu’e dhabamuu jiraattotni dubbatu

Nov 25, 2023

ONM ABO Sadaas 25, 2023

Uummata Oromoo hidhaa fi ajjeechaan akka waan jiilchuutti kan amanan hidhattootni garee maafi’aa PP namoota nagaa siyaasa irra bilisa ta’anii fi hojii dhuunfaa isaanii hojjachuun jiraatan sobanii maqaa waraana bilisummaa Oromoo itti maxxansuun hidhaatti guuranii Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gidirsaa jiru.

Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Tummee Daalatti fi Boxxolee keessaa namoota nagaa jiru idilee isaanii geggeefatan qabanii hidhuu fi reebichaan dararaa jiraachuu jiraattonni himu. Ganda Tummee Daalattii keessaa namoonni dheenggadda gaafa sadaasa 23, 2023 balleessaa isaanii malee hidhattoota sirnichaan hidhamanii dararamaa jiran maqaan isaanii Birhaanuu Tsaggaayee, Shimakkit Tsaggaayee fi Abushee Kushaa jedhaman qe’ee isaaniitii balleessaa tokko malee qabanii deemun magaalaa aanichaa Lemmanitti dararaa jiru jedhu jiraattotni.

Akkasuma ganda Boxxolee Gijilee keessaa nama maqaan isaa Boxxolee Gidilee jedhamu torban lamaan dura qabanii mana keessaa fuudhanii deemun yeroo ammaas bakki isaan geessan hin beekamin jiraachuu fi maatiinis barbaadaa akka jiran jiraattotni ONMtti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading