ONM-ABO Sadaasa 25, 2023
Hidhattoonni akeekaa fi kaayyoo murna bilxiginnaa tarkaanfachiisuuf sirnichi sadarkaa gandaa haga godinaatti tolche, hawaasa nagaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo maxxansuun afaan qawween doorsisanii maallaqa harkaa Saamaa akkasumas ajjeesaa hidhanii hiraarsaa fi reebicha irratti gaggeessaa jiru.
Haaluma kanaanis Wiixata darbe Sadaasa 20, 2023 godina Harargee Lixaa araddaa Burqaa Ciroo keessatti milishootnii fi poolisootni gaachana sirnaa ofiin jedhan hawaasa qabanii ati Ilaalcha biraa qabda jechuun dirqamaan maallaqa harkaa funaanaa kan jiranii fi isin deggertootaa fi tumsitoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun namoota irratti reebicha gaggeessaa turuun dhaga’aame.
Godinoota Harargee lamaan keessatti dhiittaan hidhattoota sirnichaan uummata nagaa irratti gaggeeffamaa jiru haalaan rakkisaa ta’aa kan dhufe yoo ta’u, keessattuu milkaa’ina dhabuu marii nageenyaa kanaan waanta barbaade argachuu kan dadhabe murni PP hawaasa nagaa hiraarsee qabsicha gufachiisuuf karoora haaraatiin Kan bobba’e ta’uun ni beekama.




