ONM-ABO Sadaasa 26, 2023
Irree fi wanteen uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu cimsee itti fufuun zoonii kibbaa Konyaa Gujii Lixaatti, Humni Furgaatuun Gujii Lixaa, waraana maafi’aa Itoophiyaa maqaa araaraa dawoo tolfatuun WBO sakatta’uuf bobba’e irratti Jimaata darbe Sadaasa 24, 2023 tarkaanfii fudhataa tureen injifannoowwan garaagaraa gonfachuun diina baaragsee jira.
Tarkaanfiiwwan bakkeewwan adda addaatti fudhataman kanaanis aanaa Bulee Hora, ganda Mirgoo Qorrobboo jedhamutti haleellaa sa’a 2:00tti fudhateen tiksitootaa fi Leellistoota impaayeera Xoophiyaa loltoota 16, battalatti yommuu ajjeesuu, 9 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Gama meeshaatiin AKM 3 fi Nyorooroo bireenaa hedduu irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.
Jajjabeen WBO Sadaasa 11, 2023 aanaa Dugdaa Daawwaa ganda Dogoo Dhuqqisaa iddoo addaa Laga Qawwee bakka jedhamutti tarkaanfii WBOn ganama sa’a 6:30 irraa kaasee fudhateen oftultootaa fi qacaramtoota Abiy Ahimed 35 battalatti yommuu ajjeesuu 31 immoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Kan haftee konkolaataa 14 fi motoora 15n reeffaa fi madoo fe’achuun gara Dugdaa Daawwaa magaala Fincaawaatti galtee jirti.
Gama meeshaatiin AKM 20, Bireena Turkii 1, Boombii 6, hidhannoo 12 fi rasaasa garaagaraa irraa hiikkatuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira .
Korommiiwwan kibba Oromiyaa Sadaasa 24, 2023 aanaa Bulee Horaa ganda Daaya Barzaafii iddoo addaa Gaara Cirrattee bakka jedhamutti sochii Imala Bilisummmaa Milkeessuu jedhuun loltoota PP kan araara dawoo godhatee uummata saamuu barate irratti tarkaanfii fudhateen ajajaa kumaatii fi waardiyoota isaa dabalatee loltoota 32 battalatti yommuu ajjeesu 19 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Lola kanaanis qawwee AKM 4, hidhannoo 3, Kaazinaa 6, rasaasa 700 fi Radio call tokko irraa booji’uun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
Kana malees loltuu PP tokko jiraa harkaan qabee jira.
Walumaa galatti loltoota murna garboomsaa PP irratti tarkaanfii guyoota sadi wali duraa fi duubaan fudhateen loltoota 142 hojiin ala taasisuun, meeshaalee fi uffata garaagaraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa sabaatiif oolchuu ajajaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina Gujii Lixaa ibseera.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati.
Injifannoon Uummata Oromoof!
