Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti saamichaa fi hidhaan waraana faashistii PPn jabaachuu jiraattotni dubbatan

ONM-ABO Muddee 11, 2023

Akka Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti waraanni tikistuun impaayera Itoophiyaa guyyuu toofta saamicha haaraa baafatee hawaasa harka qullaatti hambisaa jiru haawasa Muddee 6, 2023 godina baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Olonkomii keessaa qarshii 20,000 saamuun dukkaana nama dhuunfaa tokko cabsuun meeshaalee hundaa keessaa fudhatanii jiru.

Bifuma wal fakkaatuun aanuma Dugdaa keessatti meeshaalee daldalaa hawaasni Magaalaa Maqii irra gara gandoota baadiyyaati geejibsiifatu kanneen akka dhugaatii fi meeshaalee dunkaana  keessatti gurguraman hunda Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin nyaachisaa fi bashannansiisaa jirtu jechuun irraa fuudhanii hawaasa dararaa oolu.

Kana malees aanaa Dugdaa fi Booraa keessatti waraanni maafi’aa PP daandii gubbaatti bilbila namoota irraa fuuchuun irratti bilbilanii, sagaleen waamichaa sirba warraaqsaa yoo ta’e ati WBO deggertan jechuun  bilbilicha dhuunfatanii namootas reebuun mana hidhaatti darbaa akka jiraattotni rakkoon kun irra ga’e himaniiru.

Kaadiroonni PPs maqaa gibira funaanuu jedhuun aanaa Booraa keessatti  caasaan keenya baadiyyaa waan diigameef guyyaa gabaa hawaasa baadiyyaa gara magaalaa dhufu walitti qabne dirqamsiisne irraa fuunaanna jechuun isaanii karoorfatee jiru haawasni aanaa Booraa irratti dammaquudhaan guyyaa dheengaddaa jechuun Muddee 8  lagannaa gabaa bifa qindaawaa ta’een gaggeessuun sagantaa fi yaada kadiroota kana harkatti fashaleessuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota irraa odeeffateera.

Exit mobile version