Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee aanaa Malkaa Sirbaatti namoota nagaa ajjeesuun nama tokkos madeessan

ONM-ABO Guraandhala 17, 2024

Murni impaayera Itoophiyaa ijaarrachisuuf uummata Oromoon na mormaa jirta jedhee murtii ajjeechaa irratti fudhachaa jiru godina baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Shaashamannee keessatti namoota nagaa badii tokko malee ajjeesuun nama tokkos madeessan.

Dheengadda Guraandhala 15, 2024 aanaa Dugdaa gandoota adda addaa keessatti nama 2 ajjeesuun tokko madeessanii yeroo ammaa yaalamaa jira.

Namootni ajjeefaman kunis ganda Qaraaruu Shuubii irraa abbaa daa’imman 3 obbo Fayisaa Fittaalaa akkasumas ganda Waldaa Qal’inaa irraa dargaggoo Kurfaa Olmaamoo kanneen jedhamanii dha.

Namni waraana faashistii PP kanaan madaa’e ammoo dargaggoo Badhaasaa Idoo kan jedhamu yoo ta’u, hospitaalli maqii dadhabuun gara hospitaala magaalaa Adaamaatti dabarsanii jiru.

Oduuma ajjeechaan wal qabatuun godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee aanaa Malkaa Sirbaa kutaa magaalaa Haruufaa ganda Kuyyeeraa naannoo Kolleejjii Adveentistiitti Roobii darbe Guraandhala 14 daa’imman lama kanneen umuriin isaanii 16 fi 17 ta’aan, kanneen hawaasni naannoo hin beekne waraanni Abiy Ahimed achitti ajjeesuun reeffa fuudhanii bakka isaan geessan hin beekamin jira.

Murni bilxiginnaa ibsa gaazexeessitootaa fi paarlaamaa irratti laatuun uummata akka ajjeesaa fi hidhaa hin jirre dubbatus, qe’ee Oromoo keessatti garuu ajjeechaa fi hidhaan guyyaa guyyaatti galma’aa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version