Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti saamichi maallaqaa jiraattota irratti hammaachuun dhaga’ame

ONM-ABO Sadaasa 12, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota aanichaa kanneen akka Kooyyee Jajjabaa, Hafaa Qamalee keessatti Sadaasa 9, 2025 irraa eegaluun waraanni Bilxiginnaa maqaa garaagaraa da’oo godhachuun jiraattota qaala’iinsa jireenyaa fi dheebuu nageenyaan dararamaa jiran irratti saamicha maallaqaa bifa adda ta’een raawwachaa turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Murni dhaloota barataa seenaa isaa tikfatu hin feene Bilxiginnaan mana barumsaa cufee barattoota barumsa irraa dhaabsisuun manneen barnootaa mooraa waraanaa taasifatanii turuu fi sababuma kanaan hojiin baruu fi barsiisuu addaan citee jiraachuus ibsaniiru. 

Loltoonni farra misoomaa fi guddina biyyaa ta’an kunneen mana barumsaa jalqaba barattoonni keesatti baratan qubsuma taasifatanii turuun qabeenya uumnataa bu’uuraalee misoomaa ta’e irratti miidhaa qaqqabsiisuuf itti yaadanii kan raawwatan oggaa ta’u, tarkaanfii dhiyeenya kana gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo loltoota kanneen irratti fudhateen aarii keessa galuun mana barumsaa dabalatee qabeenya hedduu barbadeessuun ifoomeera. 

Tibbanas kaadiroonni sirnichaa tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhate kana booda haaloo ba’anii turan, yeroo ammaa kana deebisanii waan ofumaa balleessan mana barumsaa manca’e kana deebisnee ijaarra maqaa jedhuun jiraattota ganda tokkoo kan ta’an uummata iddoo lamatti addaan qoodun maatii qabsaa’otaa irraa qarshii kuma dhibba tokkoo hanga kuma dhibbaaf shantamaa saamaa kan jiran yoo ta’u, hiyyeessa waan nyaatee bulu rakkatu irraa ammoo qarshii 10,000 hanga 50,000’tti qawween doorsisuun akka fidu taasisaa irra darbee jiraachuu jiraattotni gandichaa addeessaniiru. 

Murni Bilxiginnaa afaaniin  uummataaf dhaabbanne jechaa uummata dhabamsiisuu karoora jalqabaa godhatee loltoota naamusa waraanaa hin qabnee fi sirna dhablummaan keessatti dagaage uummatatti bobbaasee gochawwan suukaneessoo seenaa fi seeraan jalaa bahuu hin dandeenyee raawwachiisaa jira.

Exit mobile version