Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Oromoota Walloo irratti dhukaasa bananiin namoonni 15 ol ajjeefamuun 6 yoo madaa’an manneen uummataas hidhattoota kanaan gubatee jiraachuun dhaga’aame

Bitootessa 6, 2024

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa duula duguuggaa sanyii irra deddeebiin uummata Oromoo Walloorratti banaa jiraniin lubbuun namoota hedduu dhabamaa fi qabeenyi isaaniis saamamaa, manneenis hidhattoota kanaan irratti gubachuun yeroo ammaa gidiraa hamtuu keessummeessaa jiraachuun ni beekama,

Bifuma kanaanis Bitootessa 4, 2024 humnoonni badii finxaaleeyyii Amaaraa kun dhukaasa hawaasa Oromoo Walloo irratti bananiin namootni 15, ajjeefamuun, 6 ammoo madeessanii jiraachuu maddeen dabaluun dubbataniiru,

Namoota hidhattoota kanaan ajjeefaman keessaa muraasa kan maqaan nu ga’e Jamaal Ahimed Imaam, Shaambal Umar Indirroo, Umaroo Muusaa, Hasan Mohaammed Abbaa Gulloo, Alii Gurree, Adam Ammad, Hasan Diruu, Huseen Arab, Ahimed Xoyib, Awwal Ibraahim, Hasan Mohaammed, Abiitee, Adaad, kanneen jedhaman yoo ajjeefaman namoonni ja’a kan maqaan nun geenye nama, Huseen Dawwee jedhamu dabalatee madaa’anii jiraachuu maddeen keenya dabaluun addeessaniiru.

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kun lola kallattii hundaan uummata irratti kan banan yoo ta’u Fursee bakka jedhamu irraa eegaluun Intalee hanga Kaarra Qoriitti taasisaa kan turan yoo ta’u, gareen saamtootaa kun loon hawaasaa saamaa akka jiraniin kan irraa buufan ta’uu himuun, loon 20 olitti tilmaamamus rasaasa hidhattoota kanaan ummata Oromoo jalaa ajjeefamuu dubbataniiru.

Humnoonni badii finxaaleeyyii Faannoo jedhaman kun erga uummata irratti ajjeechaa fi madoo raawwataniis ganda hawaasaa Saddeeqoo (Beeloo) jedhamu osoo hawaasni mi’a mana keessaa tokkollee hin baafatin ibidda itti shidanii gubuun barbaddeessaniiru.

Lolli kun haga guyyaa har’aa Bitootessa 5, 2024 kan hin dhaabbanne yoo ta’u hidhattootni kunneen bakka Maajetee jedhamutti namoota maqaan ammaaf nu hin geenye hedduu irraan miidhaa ga’uun ammas wal guuraa jiraachuu isaanii maddeen dabaluun dubbatan.

Murni biyyan bulcha jedhu yeroo uummanni Oromoo finxaaleeyyiin ajjeefamaa saamamaa, gubamaa fi qe’ee irraa buqqa’aa jirutti callisanii ilaaluun isaanii tuffii uummatichaaf qaban kan agarsiisuudhas jedhan.

Exit mobile version