Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon duula duguuggaa Sanyii Oromoota Walloo irratti bananii jiraniin namoonni 4 ajjeefamuun 16 yoo madaa’an, gubaatiin manneeniis hidhattoota kanaan raawwatame

ONM-ABO Bitootessa 20, 2024

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan hidhachiifamanii ijaarsa isaanii cimsatan lola walirraa hin cinne Oromoota Walloo irratti bananii jiraniin lubbuun namoota hedduu haala gaddisiisaan darbaa fi manneen irratti gubachuun qabeenyaan isaan baroota hedduu dafqa isaanii itti cobsanii horatan hidhattoota badii Finxaaleeyyii Amaaraa kanaan jalaa saamamuun gidiraa hamtuu akka sabaatti argaa jiru.

Akkuma kanaan dheengadda jechuunis Bitootessa 18, 2024 aanaa Jiillee Dhummuuggaa bakka addaa Deengadaa jedhamutti ganama sa’a 2:00 irraa eegaluun hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa kun meeshaalee gurgguddaa Moortara, Dishqaa fi AKM fayyadamuun, uummata Oromoo irratti haleellaa taasisaa oolaniin lubbuun namoota hedduu darbuunii fi madaa’uun manneenis yoo gubatu loon hawaasaa lakkoofsaan hedduu ta’anis rasaasa hidhattoota kanaan ajjeefamuu maddeen keenya gamasii ONM’tti himaniiru.

Namoota guyyaa dheengaddaa Bitootessa 18, 2024 hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kanaan ajjeefaman kan maqaan nu ga’e, Aliyyii Mohaammed ganda Allayyaa, Aliyyii Hasan Jiloo ganda Jawwahaa, kan ta’an yoo ajjeefaman, warroonni madaa’an ammoo Aliyyii Umar Jaarroo ganda Baxxee, Mohaammed Umaree Wanoo, Mohaammed Aliyyii Mohaammed, Hamzaa Shee Muhee Alii, Abdallaa Ammadee ganda Hulaa Hadhoo, Mohaammed Aliyyii Mohaammed ganda Baxxee kan ta’an madoon isaanii hamaa ta’uu fi manneen uummataa hidhattoota Finxaaleeyyii kanaan gubates aanaa Jiillee Dhummuggaa ganda Shuwshuwwaa akka ta’e jiraattotni dabaluun dubbataniiru.

Lolli guyyaa dheengaddaa Bitootessa 18, 2024 bakka Deengadaa jedhamutti humnoota Finxaaleeyyii Amaaraa faannoo ofiin jedhaniin uummata Oromoo Walloo irratti baname kun guyyaa kaleessaa kanas Bitootessa 19, 2024 iddoo addaa Izgiyyee jedhamuun beekamutti ganama barii irraa eegaluun hanga sa’a 8:00 uummata afaan Soomaan jiru irratti adeemsifamaa ooleen namoonni lama kan maqaan isaanii Abdallaa Addurroo fi tokko ammaaf kan maqaan adda hin baane madaa’anii jiraachuu fi hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa kanaaf humni namaa fi meeshaan duubaan dhufaafii akka jirus maddeen dabaluun ifoomsaniiru.

Murni bixiginnaa maqaa Oromoon aangoo irra jiru uummata Oromoo Finxaaleeyyiin ajjeefamaa, saamamaa, gubamaa, jiruuf birmannaa taasisuufii osoo qabuu nama uummata Oromoof birmatu of fakkeessuun waraana isaa duubaan itti buusuun ilmaan Oromoo 4 hidhattoota shiftaa Abiy Ahimediin ajjeefamuun 7 ammoo madeessuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version