Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti namoota lama ajjeesuun tokko yoo madeessan, meeshaalee gurguddaa darbataniin miidhaa cimaan qaqqabuun himame

ONM-ABO Muddee 18, 2024 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Muddee 14, 2024 iddoo addaa Maganxaa Fursee jedhamutti meeshaalee gurguddaa hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon fageenya irraa dhukaasaa turaniin jiraattota aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Geeloo kan ta’an namni tokko kan maqaan isaa ammaaf nu hin geenye yoo ajjeefamu, namni maqaan isaa Adam Aliyyii jedhamu ammoo madaa’uu jiraattotni onicha irraa dubbisne ONM’tti himaniiru.

Akka maddeen kun dabaluun dubbatanitti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan kunniin galgalaa fi ganama meeshaalee gurguddaa gaara irra dhaabbachuun guyyuu qe’ee hawaasaatti furguggisaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaan miidhaan lubbuu namaa fi qabeenyaa jiraattotaa irra ga’u guyyaa guyyaan dabalaa dhufeera jechuun itti dabaluun ifoomsaniiru.

Kana malees Nuuruu Ammee kan jedhamu ol adeemaa umuriin isaa 15 kan ta’e dhalataa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Luugoo kan ta’e  Muddee 14, 2024 magaalaa Haxaayyee irraa osoo gara ganda isaa Luugootti galaa jiruu hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon riphanii daandii gubbaatti eeguun qabanii reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda iddoo addaa Allaala Imulahaa jedhamutti qalanii ajjeesuun bakkeetti gatanii biraa deeman jedhu jiraattotni. 

Akka jiraattotni reeffa ol adeemaa kanaa bakkeedhaa kaasan jedhanitti, humnoonni badii Finxaaleeyyii Amaaraa kunneen dargaggoo kana qaama isaa guutummaa saanjaadhaan wawwaraanuun haala suukkaneessaan ajjeesanii biraa kan deeman ta’uu himuun, reeffi isaas halkan tokko osoo namoonni hin argin bulee bineensaan irraa nyaatamuun guyyaa lammaffaatti namoonni loon tiksan arganii jiraattota naannichaa waliin kaasanii awwaaluu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version