Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti abbaan maatii 4 hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraan madaa’ee Adaamaatti yaalamaa ture tokko waraana faashistii PP’n qabamuun hidhame

ONM-ABO Muddee 9, 2024 

Obbo Umar kan jedhamu jiraataa aanaa Harxummaa Fursee ganda Harruqqee abbaa ilmaan 4 yoo ta’u, baatii ja’an darban ji’a Adoolessaa keessa lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon aanaa Harxummaa Fursee iddoo Coqorsoo jedhamutti uummata nagaa irratti bananiin meeshaalee gurguddaa fageenya irraa darbatteen miilla bitaa isaa irra rukutamuun madaa’ee lafeen isaas kan caccabeedha.

Obbo Umar miilli isaa kan bitaa guutummaatti lafeenis caccabuun kan naafate yoo ta’u, innis yaalaaf magaalaa Adaamaa deemee baatii tokkoo ol Adaamaatti  yaalamaa erga turee booda,  gara godina Walloo ijoollee isaa biratti deebi’uun kiraanchiin okkolaa osoo jiraatuu madaan isaa deddeebi’ee dhukkubee waan itti cimeef Adaamaa deemeen wal’aannadha jedhee baatii darbe Sadaasa 28, 2024 ijoollee isaa biraa deeme.

Akkuma deemeenis karaan Shawaa Roobiiti sochii hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon daandii irratti ba’uun imaltoota irratti yeroo adda addaatti taasisaniin waan danqameef karaa Loogiyaan Adaamaa deemuuf godina Walloo magaalaa Baatee yeroo seenutti hidhattootni sirnichaa konkolaataa keessaa buusuun eessa deemta? eessatti madoofte jedhanii yeroo gaafatanitti, innis lola Coqorsootti meeshaalee gurguddaa fageenya irraa darbatameeniin Faannoodhaan madaa’e, yeroo ammaa ammoo madaan koo akkuma argitan kana natti cimnaan wal’aannachuuf Adaamaan deemaa jira jechuun itti himuu hiriyoonni isaa ONM’tti himan.

Gareen ilma namaaf naasuu hin qabne hidhattootni murna bilxiginnaa kun Obbo Umar’n konkolaataa waraanaa isaanii keessa buusuun gara magaalaa Kamiseetti yoo deebisan, guyyuma sana magaalaa Kamisee irraa gara aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobititti fe’anii waajjira poolisii magaalichaatti hidhuun hanga gabaasni kun qindaa’etti gaaffii seeraa tokko malee gidirfamaa akka jiru hiriyootni isaa dubbisne dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version