Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaatti uummata nagaa irratti bananiin namoota lama yoo ajjeesan 11 ammoo madeessan

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii meeshaalee garaagaraa hidhachiifaman eenyummaa Oromoota Walloo dhabamsiisuuf duula duguuggaa Sanyii waggoota hedduuf irratti bananii jiraniin lubbuun namoota hedduu haala suukanneessaan darbaa fi manneen irratti gubachaa,   qe’ee irraa buqqa’aa fi qabeenyi isaanii socho’uu danda’u fe’amee kan hin sochoone ammoo gubachuun hawaasni Oromoo gidiraa argaa  jiraachuun beekamaadha. 

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Wasan Qurqurii fi ganda Waaccuu keessatti Waxabajjii 15, 2024 lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon sa’a 8:00 hanga sa’a12:00’tti uummata nagaa irratti taasisaa turaniin namoonni lama ajjeefamanii 11 ammoo madaa’uu jiraataan gandichaa tokko dabaluun ONM’tti himeera. 

Namoonni hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kanaan ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Ahimadee Heedar jiraataa ganda Wasan Qurqur, Ahimadee Abdallaa ganda Baalcii kan ta’e yoo ajjeefaman, warroonni madaa’an ammoo Muhee Umariyyoo, Muhee Amaduu Buttaa, Ahimed Mahaammad Heedar, Ahimed Saanii, Aliyyii Mahaammad Muusaa, Aliyyii Umar, Diidoo Abdallaa, Muhee Diimaa, Aliyyii Saaliyyee, Mahaammad Diimaa, Ammadooyyaa, kanneen jedhaman madaa’anii jiraachuu dabaluun dubbatan.

Murni gabroomfataan bilxiginnaa yeroo hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa isaan hidhachiifaman ajjeechaa, madoo fi saamicha hawaasa nagaa irratti raawwatan akka qaama biyya bulchuutti furmaata itti gochuun osoo irra jiruu, faallaa isaa akka uummanni Oromoo waliif hin birmanne gochuu fi bakka Jawwahaa jedhamutti raayyaa ittisa impaayeerattii fi milishoota isaa baay’inaan buusuun hawaasni kun yoo waliif birmate qabeenyaan warra Amaaraa ooyiruu fi mana dabalatee Jawwahaa bira jiru ni saamamaa fi jalaa gubata waan ta’eef humni waraanaa achitti barbaachisaadha jechuun magaalota akka Fursee, Caffaa Roobit, Cirrattii fi Kamisee irraa humna waraanaa guddaa Jawwahaatti buusanii qabeenyaa warra Amaaraa eegsisaa akka jiran dabaluun addeessaniiru. 

Guyyuma kaleessaa Waxabajjii 16, 2024 kanas hidhattootni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoo kun humna namaa fi meeshaalee gurgguddaa konkolaataatti fe’achuun duula guddaa uummaticha irratti banuuf kallattii hundaan qophii jabaatti jiraachuu jiraattotni himuun, Haalli yeroo ammaa  uummanni aanaa sanaa keessa jiru akkaan yaaddessaa ta’uun, namoonni 11, gaafa Waxabajjii 16, 2024 madaa’an kana keessaa namoonni muraasni qofaan kan yaala argatan malee hundi isaanii yaalaa argachuuf haalli isaanii mijataa akka hin taane itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version