Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota sirnichaan abbaan maatii tokko ajjeefamuun,  reebichi jiraattota irratti raawwate

ONM-ABO Caamsaa 22, 2024

Gareen shiftaa Abiy Ahimed sirna abbaa irree dagaagsuun  impaayera Itoophiyaa keessatti uummata Oromoo akka lammii lammaffaatti ilaaluun, biyya abbaa isaanii irratti doorsisuu, ajjeesuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuun, rakkoon dhala namaa irra ga’uuf hin malle hundi akka hiree saba Oromoo ta’eetti fudhatamuun guyyaa guyyaan gochootni jibbisiisoon uummaticha jiilchuuf raawwatamaa jira.

Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Ashawaa Luxee keessatti kaleessa Caamsaa 21, 2024 toora sa’a 4:00’tti bulchaan ganda Eddoo Madiinee namni maqaan isaa Komaander Umaree jedhamu, abbaa daa’ima 3 kan ta’e nama maqaan isaa Mahaammad Saanii jedhamu badii tokko malee bakka hojii isaatti rasaasa itti roobsanii ajjeesanii  bakkeetti gatuu jiraattotni  ibsan. 

Akka jiraattotni ganda Ashawaa Luxee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, Mahaammad Saaniin hawaasa naannoo biratti nama Jaallatamaa fi Kabajamaa yoo ta’u, namni kun badii qabaatee osoo hin taane Oromummaa qofaan yakkamuun ajjeefamee akka gatame himan.

Guyyuma namni nagaan kun ajjeefame Caamsaa 21, 2024  waraanni faashistii PP kun ganda Ashawaa Luxeetti humna guddaan seenuun namoota nagaa tumaa fi isin fixna jechuun itti dhaadachaa akkasumas hawaasa rifaasisaa turuu isaanii dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version