Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa hidhaa fi reebicha sabboontota ilmaan Oromoo irratti jabeessuun barame

ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024 

Sirni cubbamaan impaayera Itiyoophiyaa bulchaan jira ofiin jedhu bilxiginnaan, loltoota isaa gara jabeeyyii qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun hidhaa, saamicha, gubaatii, buqqaatii fi ajjeechaa akka meeshaa waraanaatti dhimma itti ba’uun qe’ee saba ulfootti gaddaa fi gadadoo uwwisaa jira. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessatti Onkoloolessa 7, 2024 magaalaa Qalloo keessatti hidhattootni murna faashistii PP namoota nagaa reebuun hidhaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaan nu ga’e muraasni: 

  1. Dargaggoo Hasan Adam, 
  2. Indiris Daawud fi 
  3. Saadam Hasan Bilaal kanneen jedhaman, jiraattota ganda 01 kan ta’an sobaan yakkuun maqaa deggartoota waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun uleen cafaqanii bilbiloota harkaa isaaniis irraa saamuun waajjira poolisii magaalaa Kamiseetti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa dabaluun himaniiru.

Akka jiraataan magaalaa Qalloo ONM dubbise tokko jedhutti, namoonni hidhaman kun qonnaan bultoota hojii isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan ta’uu himuun, hidhattootni murna bilxiginnaa kun Oromummaa isaanii qofaan yakkuun reebanii akka hidhan yoo dubbatu, aanaa Daawaa Caffaa keessatti loltoota Impaayera Itiyoophiyaan jiraattota nagaa irratti ajjeechaa, hidhaa, saamicha gubaatii fi buqqaatiin raawwatamu itti fufuus dubbata.

Oduuma hidhaan wal qabatuun ammoo godinichuma aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo keessaa guyyaadhuma kana Onkoloolessa 7, 2024  milishoonni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Sulxaan jedhamu badii tokko malee reebicha ulfaataa irraan ga’uun hidhanii jiraachuu maddeen keenya gamasii nuuf eeraniiru.

Exit mobile version