Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota murna bilxiginnaan hidhaa, reebichaa fi saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024 

Abbaan biyyummaa isaa irraa mulqamuun biyya abbaa isaa irratti gidiraa hamtuu keessummeessaa kan turee fi yeroo ammaas itti jiru uummanni Oromoo, har’as bara murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha’achuun aangoo impaayerattii irra jirutti ilmaan Oromoo deggeraa paartii badhaadhinaa hin taane hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin hireen isaanii adamfamuun ajjeefamuu, ukkaamfamuun hidhamuu, manneen irratti gubachuun qabeenyi barbadaa’uu, saamamuu fi qe’ee irraa buqqifamuu ta’eera. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Xigee keessatti Onkoloolessa 28, 2024 hidhattootni sirnichaa milishootaa fi raayyaa ittisa impaayerattii jechuun of waaman qe’ee hawaasa nagaatti bobba’uun qonnaan bultoota hedduu irratti reebicha, hidhaa fi saamicha raawwataniiru.

Qonnaan bultootni hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin Onkoloolessa 28, 2024 ganda Xigee keessaa reebichi, saamichi fi hidhaan irratti raawwatame kunneenis muraasni maqaan nu ga’e: 

  1. Ahimed Callaa Mihiyyee bilbila harkaa waliin, 
  2. Aliyyii Abduu Indiris qarshii 20,000 fi bilbila harkaa, 
  3. Jaafar Usmaan Ahimed qarshii fi bilbila harkaa, 
  4. Abduu Muhee bilbila guddaa, 
  5. Sayid Mahaammad Awwal bilbila guddaa, 
  6. Indiris Daawud bilbila harkaa fi 
  7. Adam Aliyyii Ahimed bilbila harkaa irraa saamuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii aanaa Daawaa Caffaatti hidhanii jiraachuu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Namoonni ergamtoota maafiyaa PP’n garmalee reebamuu fi saamamuun hidhaman kunneen qonnaan bultootaa fi irra jireessi isaanii ammoo maanguddoota yoo ta’an, hidhattootni garee shororkeessaa bilxiginnaa kabaja namummaa, safuu fi safeeffannaa hin beekne kun maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun sobaan yakkanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version