ONM-ABO Sadaasa 12, 2024
Uummata nagaa jiruu fi jireenya isaanii geggeeffachuu malee hiikaan siyaasaa maal akka ta’e hin beekne, waraana namaaf naatoo hin qabne itti bobbaasuun ba’aa fi gala dhorkaa kan jiru murni Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimediin durfamu gochoota dabaa hidhaa qabee hanga ajjeechaatti hawaasa nagaa irratti raawwatan kan duraa caalaatti bifa adda ta’een geggeessuu itti fufaniiru.
Akkuma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Buttuu fi Bishee keessatti Sadaasa 10, 2024 waraanni faashistii PP fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun qe’ee hawaasa nagaatti bobbaafamanii namoota nagaa 4 kan maqaan isaanii:
- Hasan Abduu Umar,
- Sufaalaa Indiris Ahimed,
- Ahimed Sayid, fi
- Huseen Awwal jedhaman reebicha ulfaataa irratti raawwachuun magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii akka jiran ibsameera.
Akka jiraattotni ganda Buttuu fi Bishee dubbisne jedhanitti, namoonni garee shiftaa hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin reebichi ulfaataan irratti raawwatamuun hidhaatti darbataman kun qonnaan bultootaa fi akkasumas abbaa maatii ta’uu isaanii himu.
Ergamtootni sirnichaa kun Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun reebichaan qaama laalessanii miidhaa ulfaataa irraan ga’uun magaalaa Caffaatti hidhanii garmalee reebuu irraan kan ka’e yeroo ammaa haalli fayyummaa isaanii yaaddessaa ta’uu fi hanga gabaasni kun qindaa’ettis yaala tokko osoo hin argatin dararamaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

