ONM-ABO Sadaasa 16, 2024
Jiraattotni godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Daawaa Caffaa irraa ONM dubbise akka jedhanitti, sirni Bilxiginnaa jibbiinsa Oromoo fi Oromummaaf qabuuf jecha, afaan qawween ukkaamsee nu bulchuuf ajandaa baafatee kan jiruu fi ajandaa baafatan kanaanis maatii qabsaa’otaa fi deggartoota Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu qabna, maqaa jedhuun gochoota hawaasni hin qabnee fi keessa hin beekneen sobaan yakkee uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi reebuun dhiittaa mirgoota namoomaa daangaa darbe nu irratti raawwachaa jira jechuun dubbatan.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Buttuu keessatti Sadaasa 14, 2024 ergamaan Bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamu milishootaa fi waraana faashistii PP qabachuun gandichatti bobba’anii nama nagaa abbaa maatii ta’e kan maqaan isaa Yaasin Ahimed Haajii jedhamu reebicha hamaa irratti raawwachuun ujummoo qawweetiin mataa isaa erga buruqsaniin booda harka isaa dugda duubatti hidhuun konkolaataa 3f keessa buusanii magaalaa Caffaa Roobititti hidhuu fi yeroo ammaa reebicha irratti raawwatameen nyaata soorachuu dadhabuun yaala tokkollee dhabee du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.
Ganduma Buttuu keessaa Sadaasa 13, 2024 hidhattootni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko kan maqaan isaa Ahimed Callaa jedhamu qabanii reebicha rifaasisaa irratti raawwatanii waajjira poolisii magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii hiraarsaa jiraachuun barameera.
Oduuma hidhaan wal qabatuun ammoo godinichuma aanaa Harxummaa Fursee ganda Kaabii irraa Sadaasa 13, 2024 Jaarsa biyyaa kan ta’an nama maqaan isaanii Obbo Aliyyii Mohaammad jedhaman guyyaan Roobii gabaa magaalaa Caffaa Roobit waan ta’eef qotiyyoo isaanii gurgurachuuf gabaa ba’anii gurguratanii yeroo galaa jiranitti milishoonni fi waraanni weerartuun PP daandii gubbaatti eeguun eessaa galta? jedhanii gaafachuun yeroo isaan qatiyyoon gabaa baafadhee gurgurachuun galaa jira jedhanii deebisaniifitti, qarshii qotiyyoon sun baase gaafachuun yeroo baranitti maallaqa qotiyyoo sanaa tokko osoo irraa hin dhiifne nutti laadhu ittiin jechuun harkaa saamanii isaaniin ammoo harka duubatti hidhuun waajjira poolisii magaalaa Caffaa Roobititti hidhanii reebaa jiraachuu jiraattotni kun itti dabaluun addeessaniiru.
Namoonni hidhattoota Koloneel Abiy Ahimed naasuu dhala namaaf hin qabne kanneeniin saamichaa fi reebichi ulfaataan irratti raawwatamuun hidhaman kun maanguddootaa fi qonnaan bultoota hojii qonnaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’an, lukkeeleen Bilxiginnaa kun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti fi eeruu laattuuf jedhuun hawaasa nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan dararaa jiru.
Keessattuu ergamaan Bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamu milishootaa fi waraana sirnichaa of dura buusuun qe’ee hawaasa nagaatti bobbaasee dhiittaa mirgoota namoomaa garaa garaa uummata nagaa irratti raawwatee raawwachiisaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

