Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti hidhattootni sirnichaa dhukaasa walii isaanii irratti bananiin wal ajjeesuun barame

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Mooraan murna bilxiginnaa dabaa fi cubbuun ijaaramtee jibbiinsa sanyummaa fi ilaalcha dabaan guutamte yeroo adda addaatti walii isaaniif illee naasuu tokko dhabuun  wal hidhuu, hojii irraa wal ari’uu fi ragaa sobaa wal irratti ba’uun walii isaanii ajjeesuu itti fufaniiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa buufata waraana faashistii PP ganda Marar jedhamutti  Onkoloolessa 25, 2024 dhiha aduu galgala toora sa,a 12:00’tti poolisoonni  sirnichaa sabaan Amaaraa ta’an, qorataa mana murtii magaalaa Sanbatee kan ta’e Poolisii sabaan Oromoo maqaan isaa Obbo Jamaal jedhamu dhukaasa irratti banuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuun ibsameera.

Akka odeessi keessoo PP ONM dhaqqabe ibsutti, poolisiin qorataan yakkaa magaalaa Sanbatee obbo Jamaal jedhamu kun sabaan Oromoo kan ta’ee fi dhalootaan ammoo godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ta’uu gabaasichi yoo ibsu, poolisoonni murna bilxiginnaa sabaan Amaaraa ta’an kun poolisii ajjeesuuf jiran kanaan, uummanni  Oromoo aanaa Harxummaa Fursee guutummaan guutuutti WBO fi deggartoota isaaniiti, atis qunnamtii WBO qabdaa fi akkasumas yeroo mara dhaadannoo Oromummaan  dhiiga kooti jedhu fayyadamta jedhanii tuqachaa turuu fi boodarra ammoo rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu ifoomsa.

Poolisoonni PP sabaan Amaaraa, poolisii sabaan Oromoo ta’e kana gurmaa’uun Oromummaa isaa qofaaf ajjeesan kun hanga gabaasni kun qindaa’etti seeraan kan hin gaafatamne yoo ta’an, inumaa poolisoonni sabaan Amaaraa poolisii sabaan Oromoo ta’e ajjeesan kun reef eegalle, sichi tarkaanfii jajjabduu irratti fudhannee isaan fixna jechuun dhaadachaa fi ilmaan Oromoo mooraa sirnichaa keessatti argamaniitti  amuummachaa akka jiran odeessi mooraa PP keessaa arganne kun addeesseera.

Exit mobile version