Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lukkeeleen bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti hidhaa, reebichaa fi achi buutee wal dhabamsiisaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 5, 2024 

Dhiigni ilmaan Oromoo isaan guyyuu akka bishaaniitti lolaasaa oolan walii isaanii walitti deebisuun akka saree maraattee wal nyaachaa kan jirtu ergamtootni murna Bilxiginnaa, wal dhibdee moonaa isaanii keessatti irra deddeebiin uumamaa jiruun gaagaa’ama lubbuu fi hidhaa walii isaanii irratti raawwachuu jabeessanii jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti ergamtootni sirnichaa walii isaanii wal hidhaa kan jiran yoo ta’u, Onkoloolessa 26, 2024 bulchaa Bilxiginnaa ganda Dullaa kan ta’e Obbo Alii Adam kan jedhamu, ilma isaa Hasan Alii Adam fi dargaggoo fira isaa Ammad Mahaammad Adam jedhamu waliin miidhaa ulfaataa irraan ga’uun harka dudduubatti hidhanii mana hidhaatti darbataniiru.

Akka keessa beektoonni ONM’tti himanitti, hidhattootni murna Bilxiginnaa kun bulchaa isaanii ganda Dullaa kana sababa ga’aa hin taane irra barbaaduun, ilmi kee rifeensa dheeressaa jira, atis yeroo walga’ii geggeeffannu mara nu mormita kanaaf hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda ittiin jechuun humna waraanaa baay’een mana isaa erga marsiisanii harka duubatti  hidhuun diinni keenya asuma jira fageenyaa maal barbaanna jedhanii dhaadachaa hanga harki isaan laafutti uleedhaan tumanii magaalaa Sanbateetti yoo hidhan, Sadaasa 2, 2024 konkolaataa keessa buusuun gara Shawaa Roobiitti geessina jedhanis  hidhamtoota baay’inni isaanii 20 ol ta’an  qabanii deeman waliin amma eessa akka isaan geessan hin baramin jiraachuu dabaluun dubbatan. 

Lukkeeleen Bilxiginnaa kun walii isaanii dararuu ittuma fufuun, haaluma wal fakkaatuun aanichuma ganda Baddannoo keessaa Sadaasa 2, 2024 milishaa PP kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Sa’idaa Abdalloo jedhamu jiraataa ganda Baddannoo waraanni faashistii PP mana isaatti itti marsuun dhukaasa irratti bananii erga qabaniin booda, ujummoo qawwee fi uleen lafatti dha’anii miidhaa qaamaa cimaa irraan ga’uun hidhanii yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti kan argamuudhas jedhan.

Akka namoonni ijaan argan jedhanitti, milishaan PP hidhattootuma isaaniin reebichi ulfaataan irra ga’uun hidhame kun yeroo ammaa yaala tokkollee dhabuun du’aa fi jireenya gidduu jiras jedhu.

Sababni loltootuma isaanii kanaan garmalee reebamuun hidhamee kunis maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun akka ta’e ibsuun, yeroo ammaa kana hidhattootni sirnichaa moonaa isaanii keessatti wal gaarreffannaa, wal shakkii fi jibbiinsi sanyummaa keessatti kan dagaage ta’uun guyyuu wal ajjeesuu, wal madeessuu fi wal hidhuu isaanii irra deddeebiin isaniif gabaasaa turreerra.

Exit mobile version